Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Dukkana keessa taa’ee waaniin barreesseef” dogoggoora Qubee uumameef na ofkalchaa:Obbo Dajanee Xaafaa


Ekeraa Demookiraasii
Ekeraa Demookiraasii

Barreessaa Koongreesa Federaalawa Oromoo kan ta’anii fi yeroo ammaa mana-hidhaa Qilinxoo keessa jiran Obbo Dajanee Xaafaatiin kitaabni haaraan barreeffame fi maxxanfamee Dilbata dabre Muddee 31 bara 2017 eebbifamee jira.

Obbo Dajaneen Kitaaba isaanii “ Ekeraa Dimokraasii” jechuun moggaasan kana keessatti waa’ee deemsa Dimokraasii biyyatti keessaa, haala mana hidhaa keessaa akkasumas qabsoo oromoo waliigalaa irratti kan fulleffatan ta’u miseensoota koree eebba kitaaba kana keessaa tokko ibsee jira.

Obbo Dajaneen kitaaba isaanii kana keessatti barreefama ka’aniin dukkana keessa taa’ee waaniin barreesseef dogoggoora Qubee uumameef na ofkalchaa jechuun dhiifama gaafatanii jiru.

Sirna eebba Kitaaba kana irratti Kan argaman Ijoolleen Obbo Dajanee uummanni lakkofsaan haganaa eebba kitaaba abbaa keenyaa barreesse irratti argamuun akka qofaa keenya hin ta’iin nu agarsiisa eega jadhanii booda “ Humnii Uummataa Bombii Nukleeraa Caala” jechun dubbatan.

Haatii warraa Obbo Dajanee Aaddee Assallafach Mulaatuu seenaa qabsoo abbaa warraa isaanii ibsanii jiran.

“Dukkana keessa taa’ee waaniin barreesseef” dogoggoora Qubee uumameef na ofkalchaa:Obbo Dajanee Xaafaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:38 0:00

XS
SM
MD
LG