Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsi Koreen Hoji-raaw’achiistuu ADWUI Baase Rakkoo Biyyattii Hammateef Furmaata Hin Ta’u Jedhu Hoogganaan Paartii Mormituu


Koreen Hoji-raaw’achiistuu ADWUI yokaan EHADEG, walga’ii guyyoota 17 geggeessaa ture eega xumuree booda, Sanbata dabre kana ibsa ejjennoo qabxii 8 qabu baasee jira. Balaawwanii fi yaaddoowwan dadhabina hooggansaatiin uumaman dhabamsiisuu ka dandeessisuu waliigaltee fi walta’insaan gamaaggama isaa xumurachuu isaa dubbata. Naannoolee biyyattii hedduu keessatti dhabamuun nagaa fi tasgabii, akkasumas, dhabamuun lubbuu lammiwwanii wanna guyyaa guyyaatti mul’atu ta’uu isaas ibsi koree kanaa beeksisee jira.

Gamaaggama isaa sana keessqatti, sadarkaalee paartichaa adda addaa keessatti rakkoon dimookiraasii hidda gad-fageeffachuu akka jiru hubachuu isaa dubbata. Kun ammoo waltajjjiilee qabsoo akka daangessuu fi tokkummaan yaadaa fi hojii akka jaarmayicha keessatti hin uumane gufuu tahuu isaa eeree jira. Taayitaan tajaajila uummataaf oolfamuu balaaf saaxiluu isaa illee tuqee jira.

Faayidaalee barbaachisoo hin taane irratti kanneen hundaawan – walitti-hidhata gurmuulee, kaayyoleen jaarmayaa fi misoomaa haala gahinsa qabbuun akka hojii irra hin oolfamne danqaa guddaa uumuu isaa dubbata – ibsi Koree hoji-raaw’achiistuu ADWUI kun.

Dhabamuu nagaa fi tasgabii biyyattii keessaas tuqee jira. Eega yeroo dhihoo tii as, naannoolee biyyattii hedduu keessatti dhabamuun nagaa fi tasgabii, akkasumas, dhabamuun lubbuu lammiwwanii wanna guyyaa guyyaatti mul’atu ta’uu isaa dubbate.. Kunis, jiraachuu biyyaa afaan badii irra geessisuu isaa fi humna alaaf akka saaxilamu gochuu isaa kan eere – ibsi Koree hoji-raaw’achiistuu EHADEG, “kanaaf jecha, yeroo gabaabaa keessatt nageenya biyya gara haala amansiisaa baratameetti deebisuun barbaachisaa dha” jedha. Ibsa kana dhaabonni mormitootaa biyyattii keessaa akkamitti ilaalan? Miseensa Koree Hoji-raaw’achiistuu Koongiresa Federaalawa Oromoo ka tahan – Obbo Xiruneh Gamtaa, Finfinnee irraa haasofsiisnee jirti. Gabaasaa walga’ichaa fi deebii paartii mormituu dhaggeeffadhaa.

Ibsi Koreen Hoji-raaw’achiistuu ADWUI Baase Rakkoo Biyyattii Hammateef Furmaata Hin Ta’u Jedhu Hoogganaan Paartii Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:15 0:00

XS
SM
MD
LG