Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Ertraan mirga Lammiwwan Ishee Kabajuu Qabdi"


Walii galteen Ertraa fi Itiyoophiyaa giddutti tolfame gama mirga dhala namaa lammiwwan ishee eeguutiin Ertraaf karaa bana jechuun Ertraatti raaportariin addaa kan waa’ee mirga dhala namaa Sheeylaa Keetharuth ibsan.

Hogganoonni biyyoota lameenii Adooleessa 9, bara 2018 waliigaltee nageenyaa fi michoomaa kan mallatteessan yoo ta’u danqaa waggootii dheeraaf biyyoota lamaan gidduu ture dhamasisuun haala kabajamuu mirga dhala namaa Ertraa keessaa irratti jijjirama gaarii argamsiisa jedhan.

Ertraa keessatti hidhamanii kan jiran aangawoonni gameeyyiin mootummaa 11 kanneen akkaataa hojii prezidaant Isaayaas Afawarqii qeeqan, gaazexxessoota walabaa 10 fi kanneen biroon baatii Fulbaan bara 2001 kaasee to’annaa jala jiru.

Gochii kunis itti fufee waan jiruuf jecha kabajamuun mirga dhala namaa barbaachisaa ta’u ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG