Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hokkarri Finfinnee Fi Naannawaa Ishee Lubbuu Galaafate


Sambata darbe kan biyyatti deebi’e hooggansa adda bilisummaa Oromoo simachuuf uummati ba’ee gammachuu isaa erga ibsee booda hookkara ka’een lubbuun namoota 23 darbuun beekamee jira.

Gabaasaaleen akka jedhanitti garee wal gurmeessetu mana jireenyaa fi manneen daldalaa Buraayyuu keessaa saaman.

Namoonni dhibbaan laka’aman hookkara kanaan kan ka’e qe’ee irraa buqqa’aniiru. Angawoonni akka jedhanitti kanaan kan wal qabate namoonni 70 ta’annaa jala oolaniiru.

Hoogganaan waajjira muummicha ministeeraa Fitsum Areggaa hookka sana balaaleffachuu dhaan haleellaalun’aa kan tokkummaa uummataaf yaaddoo uume waan ta’eef tarkaanfiin barbaachisu ni fudhatama jechuu dhaan fuula twitter isaanii irratti maxxansaniiru.

XS
SM
MD
LG