Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leenjiifamtoonni Irbaata Eega Nyaatanii Booda Kukkufanii Haqqisuu Jalqaban:Mooraa Leenjii Polisootaa Kan Sanqallee


Leenjitoota Institutii leenjii polisii sanqallee (Suuraa faayilii)
Leenjitoota Institutii leenjii polisii sanqallee (Suuraa faayilii)

Institutii leenjii polisii idilee fi oogumaa oromiyaa mooraa sanqallee keessatti Dilbata Fuulbaana 16 bara 2018 galgala leenjifamtoonni irbaata eega nyaatanii booda dhukkubsachuun isaanii ibsamee jira.

Lakkoofsii isaanii hanga kuma 3 akka ga’u kan ibsamee yoo ta’u gara hospitaalli Riferaal Yunivarsitii Amboo, gara hosptaala walii-galaa Amboo fi hospitaala sadarkaa duraa Gudaritti geeffamuu isaanii beekamee jira.

Hospitaalli Riferaal Yunivarsitii Amboo leennifamtoota hanga kuma lama ta’an wal’anuu isaa kan ibse yoo ta’u mallattoon agarsisaa turan haqqisaa, of-dadhabanii kufuu, dhangala’an qaama isaanii keessaa dhumuu akka ta’e mediikaal daayekteer riferaalii yunvarsitii Amboo Dr. Gonfaa Motii ibsanii jiru.

Sababaan rakkoo kanaa qoratamaa akka jiru fi yeroo qorannaan xumuramuus uummataaf kan ibsamu ta’u dubbatan. Kanneen qubaan lakka’aman amma iyyu hosptaala kan ciisan ta’u fi kan du’e akka hin jirre ibsame ejira.

Achuuma mooraa sanqallee keessa kiliinkii jiruuf ogeessa dawaa kan ta’an saajiin Lataa Dabalii ofii isaanii iyyu Daabboo nyaatanii akka turan garu garaachii isaanii kan isaan dhukkubee ture ta’uus mallattoo biraa hin agarsiifne jedhan.eega Eega irbaata nyaatanii booda haqqisaa fi kukkufaa turan jedhu.

Leenjiifamtoonni Irbaata Eega Nyaatanii Booda Kukkufanii Haqqisuu Jalqaban:Mooraa Leenjii Polisootaa Kan Sanqallee
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:56 0:00

XS
SM
MD
LG