Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Irratti Falmii fi Komee Dhiyaatuuf Ilaalchii Duraa Kan Kennamu Ta’uun Ibsame


Magaala Baahir Daar
Magaala Baahir Daar

Sochii filannoo waliin wal qabatee komee fi walii galtee dhabiinsa uumamuu haatattamaan furuuf dursee qophii gochaa kan jiru ta’u manni murtii walii gala kan bulchiinsa naannoo Amaaraa beeksisee jira.

Falmii fi komee filannoon duraa kan guyyaa filannoo fi kan filannoo boodaa ka’an kan ilaaleen labsii ba’e irratti hirkachuun loogii tokko malee furuuf bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti manneen murtii sadarkaa adda addaa irra jiran qophii ta’u prezidaantiin mana murtii walii gala kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Abiye Kaasaahuun Raadiyoo Sagaleee Amerikaaf ibsanii jiru.

Filannoo irratti falmii fi komee dhiyaatuuf Komee filannoon alaa kanneen biro caalaa ilaalchii duraa kan kennamu ta’uun Ibsame.Kana gochuufis abbootii murtii jiran 209 keessaa kanneen walitti dhufan magaalaalee Dassee, Baahir Daar, Dabra Birhaan fi Gondar keessatti turban kana leenjii fudhachuun isaanii ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG