Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Lammileen Ityoophiyaa ‘biyya Weerara COVID – 19 haaltu’ Taanzaaniyaa Keessa Jiranii


Lammileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa keessa jiraatan weerarri Kooronaa vaayres biyyattii keessa jiru xiyyeeffannoo dhabuun akka isaan yaaddessu himu.

Akka Lammileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiraatan dubbatanitti ammas weerarri dhibee Vaayresii Kooronaa biyyattii keessatti xiyyeeffannoo hin qabu. Mootummaan biyyattiis weerarri kun jiraa jedhee waan hin amanneef nami dhuunfaan yoo eeggate male qajeelchi of eeggannoo labsamee jiru hin jiruu jedhu.

Haala Lammileen Ityoophiyaa ‘biyya Weerara COVID – 19 haaltu’ Taanzaaniyaa Keessa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:26 0:00

Lammiin Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa ganna 20’f jiraatan haala jiru yoo dubbatan, duraan dhibeen kun akka mullateen daangaan cufamee waanti martuu dhibee kana to’achuuf carraaqamaa ture jedhan. Achii mootummaan dhibeen kun weerara miti jennaan waanti martuu bakkatti deebiye.

Lammileen biyya alaa as jiran garuu sana dhiisanii of eegagnnoo taasisaa turan. Ammayyuu haga dhiyeenya kanaatti namoota hedduutu dhibee kanaan du’aa jira garuu, namni kunneen ‘COVID 19’n du’an jedhamee hin himamu jechaan dubbatu.

Jiraataan kun dabalanii lammilee Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiran keessaa nami takka dhibee kanaan dhukkubsatee qorannoo dhibee Kooronaa vaayres gaafatus ogeeyyii fayyaan dhorkamuu dubbatanii, haga yoonaa garuu warra hojiif Taanzaaniyaa jiran lammilee Itiyoophiyaa keessaa nami du’e hin jiruu jedhan.

Gama biraan gaaffiin an kaaseef waa’ee waraqaa qorannoo fayyaa imaltootaaf kennamuuti. Lammileen Itiyoophiyaa taanzaaniyaa jiran yoo gara biyyaa deeman waraqaan kun mootummaarraa akka kennamuufidha kan VOA’tti himan.

Komiin lammileen Itiyoophiyaa kaasan kaan waa’ee hundeeffama hawaasa Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiraniiti. Jiraattonni kunneen kanaan dura lammileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiratan gumii hawaasaa mootummaa Taanzaaniyaa biratti galmeeffachuuf gaafatanis lafarra harkifamuu dubbatan.

Ambaasaadder Yoonaas Yooseef, Taanzaaniyaatti Ambaasaaddera Itiyoophiyaati. Lammileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiraatan lakkoofsaan diqqoo tahuu dubbatan. Kaan garuu warra seeraan ala godaanan ta’uu eeranii isaanis to’annaa poolisii jela kan jiranii fi mana hidhaa biyyattii bakka adda addaa keessa ka jiran tahuu himan.

Yeroo weerarri vaayresii kooronaa mullate kanas hedduu godaantota kanaa warra dhibee hin qabne biyyatti deebisaa akka turan eeran.

AMbaasaadder Yoonaas waan talaallii COVID – 19 gaafatamanii turan. Taanzaaniyaan haga yoonaa dhibee kana waan hin dhugeeffanneef lammileen Itiyoophiyaa achi jiran talaallii kana akkamitti akka argatan waanti beekamu jiraa gaaffii jedhuuf yoo deebii kennan, “Talaalliin walqabatee isaan ejjenoo mataasaanii qabu; haa tahu malee hawaasni haajaa alaa biyyoota hedduu as jiran gaaffii

dhiyeeffataniiru, gaaffii kanas ministeera biyya alaa Taanzaaniyaaf dhiyeessanii deebii eegaa jiru, egaa eyyamamnaan nu qofaafii miti, hundaafi jechaadha” jedhan. Dabalaniis talaalliin kun seenuufis ulaagaa biyyattiin keessee qabdu jiraa sanaan ta’aa, garuu ejjennoo mootummaa biyyattiiratti hundoofnee waajjira ministeera alaa itiyoophiyaa waliin ta’uun akka itti lammileen keenya as jiran talaallii kana itti argatan soqna jechaadha, jechuun VOA’tti himaniiru.

Dhumarrattis Ambaasaaddere Yoonaas dhimma duubatti harkifamuu hundeeffama hawaasa lammilee itiyoophiyaa Taanzaaniyaa, mootummaa taanzaaniyaa waliin dubbataa akka jiran himanii sunis furmaata akka argatu abdii qaban ifoomsan.

XS
SM
MD
LG