Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Dhimma Hidha Laga Abbayyaa Hin Milkaahin Hafe Laalchisee, Yaada Tokkummaa Mootummootaa


Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Steefan Duyaarich (suuraa faayilii)
Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Steefan Duyaarich (suuraa faayilii)

Maanguddummaa dura ta’aa Gamtaa Afrikaa kan yeroo ammaa fi prezidaantii Ripaablikii Demookraatawaa Kongoo Feeliiks Antuwaan Shiseekeediin hidha laga Abbayyaa kan ilaaleen Mariin Kinshaasaa keessatti gaggeeffame milkaa’iina malee hafee jira.

Waa’ee marii kanaa kan gaafataman dubbii himaan barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Steefan Duyaarich akka jedhanti adda addummaa qaban irratti wal danda’uun akka barbaachiisu hin hubanne.

Walii galtee qabatamaa irra ga’uuf gamnii hundi yaalii isaanii jabeessanii akka itti fuufan jaarmayaan isaanii waamicha akka dhiyeessu Duyaariich ibsanii yaalii dura ta’aan gamtaa Gamtaa Afriikaa Shisiikeediin godhaniif dinqiisiifannaa isaanii ibsanii jiru.Yaalii gama hundaan ta’uuf Tokkummaan Mootummootaa qophii ta’u irra deebi’uun kan mirkaneessan yoo ta’u atii kana dhiisii ani immo kana nan dhiisa deemsii jedhu barbaachisaa ta’u hubachiisanii jiru.

XS
SM
MD
LG