Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Shawaa Roobit Keessaa Qoratamaa Jira: Angawaa 


=
=

Dhiyeenya kana aanaa Jillee Dhummuugaa kan godiina hawaasa Oromoo bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'iinsa uumamuun ni yaadatama.

Sababaa walitti bu'iinsa kanaan namoota mada'an 2 wal'ansa fayyaaf gara hospitaala magaala Shawaa Robiiti geessaman akkasumas kanneen warra madaa’e gamasitti geessan nama 8 dabalatee walumaa gala namnii 10 ajjeefamuu bulchaa aanaa Jillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Haasan ibsanii jiru.

Gama kaaniin Bulchaan Godiina Shawaa Kaabaa Obbo Taaddasaa G/Tsaadiiq waa'ee kanaa gaafatamanii, ragaa guutuu of-harkaa qabaachuu baadhuus namoonni hanga 6 ta'an du'uu, polisootaa fi shoofeerri kokolaataa Ambulaansii lubbuun akka jiran akkasumas namoota kanneen mada'an wal'ansaaf gara shawaa Roobiit fidan keessaa hagii tokko lubbuun kan jiran ta’uu ibsuun dhugaa jiru isaan irraa adda baafachuu ni danda'ama jedhan.

Itti fuufanis namoonni gariin madaa irra ga'een yaalii dhabanii du'an kan jedhan akka jiran akkasumas immoo kanneen ni ajjeefaman jedhan jiru jedhanii yeroo ammaa qorannaan gaggeeffamaa waan jiruuf jecha gaafa xumuramee dhugaan jiru uummataaf ifa ta'a jedhan.

Hojii jibbisiisaa kan akka ajjeechaa kanaa kanneen rawwatan jiraachuu isaanii qorannaan gaggeeffamu dhugoomsiinaan itti gaafatamuummaa seeraa jalaa haalli itti miliiqan hin jiru jedhu bulchaan godiina shawaa kaabaa Obbo Taaddasaa G/tsaadiiq.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Ajjeechaan Shawaa Roobit Keessaa Qoratamaa Jira:Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00


XS
SM
MD
LG