Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garee Shorokeessaattii Hidhata Qabdu Jedhamuun Kan Shakkaman Gaazixeessonni Radiyoo Ahadu To’annaa Jala Oolan


Poolisiin garee shororkeessaa irraa ergama fudhachuu dhaan bobba’aniiru jechuun kan shake gaazixeessota raadiyoo AHADU lama to’annaa jala oolchee kaleessa qorannaa geggeessaa jiraachuun ibsamee jira.

Garee shororkeessaa wliin yakka hariiroo uummachuutti shake jechuun guyyoota dura kan poolisiin to’annaa jala oolche gaazixeessituu Raadhiyoo Ahaaduu Luwaam Ataakiltii kaleessa yeroo alammataaf mana murtiitti yoo dhiyaattu, yakka wal fakkaatuun kan shakkame itti gaafatamaan kutaa oduu buufata raadiyoo sanaa Kibroom Worquu immoo kaleessa yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyaatee jira. Shakkamtoota kana ilaalchisee poolisiin yeroo qorannaa itti dabalaa gaafate manni murtii eeyamee jira.

Ragaan raadiyoo fi Televiziyoona AHADU irraa argame akka ibsutti Kibxata darbe ture obbo Kibroom yakka hariiroo dhaaba shororkeessaa waliin qaba jedhamuun to’annaa jala kan oole jechuu dhaan abukaatoon isaanii Xigaabuu Dessaaleny ibsaniiru.

Gaazixeessonni kun kan ittiin shakkaman keessaa magaalaan Hayiqi TPLFn qabameera kan jedhu ta’uu kan ibsan abukaatoon kun, kun yakkaan kan isaan gaafachiisu miti jedhan. Poolsiin guyyaa itti dabalaa gaafachuu dhaan manni murtii Onkoloolessa 26tti beellama ka biroo kennee jira.

Raadiyoon AHADU VOAn kan wal ta’ee oduu tamsaasu buufata raadiyoo ti jechuu dhaan Keenedii Abaatee gabaaseera.

XS
SM
MD
LG