Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gammadaa Waariyoo: “ Mormii Uummataa Addunyaan Akka Dhaga’uu gochuu” Ka Jedhuun Yaade


Gammadaa Waariyoo
Gammadaa Waariyoo

Ayyaana Irreechaa kan bara 2016 Bishooftuu keessatti kabajamuuf karoorfamee ture mormiin uummataa eega mudatee booda lubbuun namoota hedduu darbuu isaaf sababaa ta’uun ni yaadatama. Dhaabbati Saayinsii fi aadaa kan Tokkummaa mootummotaa ykn Yuuneeskoon sirna Gadaaf beekkannoo kenna jedhamee ayyaanichaaf qophiin ture guddaa ture.

Mormii uummataa Hara Harsadiitti geggeessame sana irratti waltajjiitti ol ba’ee dhaadannolee dhageesisaa kan ture dargaggoo Gammadaa Waariyoo karoorri kiyya mormii uummataa kan waggaa tokko caalaaf gaggeeffame addunyaan akka hubatu gochuu ture jedha. Kanaafiin Afaan Ingliziin dubbadhee, sabaa- himaaleen gurra addunyaan ga’an jedhee jira.

Maraafuu jedhe, dargaggoo Gammadaan, Oromoon biyya keessaa tokkummaan hiriiraa akka jiru kanneen biyya alaa keessa jiranis tokkummaa qabaachuu irratti hojjachuu qabu, jechuun dhaamsa isaa dubbata.

Kana cuqaasuun gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

XS
SM
MD
LG