Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen G7 Dhimma Itiyoophiyaa Irrati Ibsa Baase


Walgahiin biyyootaan dureeyii Torbanii, G7 jedhamee waamamu dhimma Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa baasee jira. Mata duree "Itti gaafatamumma fi tarkaanfii adduunyyaa" jedhu jalattii ibsa baaseen waa’ee haalaa yeroo ammaa Tigiraayi keessa jiru kaaseera.

Haala Beelaa namoottan kumaatamaan lakaawan keesaa seenan dabalatee tigiraay keesaatii jeequmsa adeemaa jiruun halii gaddisisaan manoomaa heduu nu yaadeseera.

Hookora saalaa dabalatee badiinsa raawatamaa jiru hin balaaleffanna. Wareen yakka raawatan qorachuudhaan itigaafatamumaattii dhiheesuudhaaf komishiiniin ol-aanaan mirga namooma adduunyaa yaalii inni gochaa jiru hin deggera," kan jedhe ibsii kun, diinummaan atattamaan akka dhaabatu, gargaarsaaf karaan akka banamu, waraannii mootummaa Eertiraa akka Tigiraay keessaa bahu gaafateera.

Gareen hunduu rakina hiikuudhaaf fala isa dhumaa kan ta’ee adeemsaa marii siyaasaa dhugaa irratti hunda’e akka geegeesan, hoggantoonii mootummaa Itiyoophiyaa adeemsaa siyaasaa hunda hirmaachisuu danda’u uumudhaan araara biyyoolessaaf wali galtee buussanii akka mirga namoomaatiif mirga siyaasaa lammillee Itiyoophiyaa kabajan ibsii kun waamicha taasiseera.

XS
SM
MD
LG