Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siidaan Abiishee Garbaa Magaalaa Shaambuutti Ijaarame Eebbifame  


Siidaa Abishee Garbaa
Siidaa Abishee Garbaa

Siidaan gooticha Abishee Garbaa godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuu keessatti ijaarame torban kana keessa eebbifamuu isaa Bulchaa itti-aanaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Darajjee Toleeraa beeksisanii jiru.

Ijaarsi siidaa Abiishee Garbaa baroota dheeraaf gaafatamaa turee fi barreeffamni seenaa isaa dhalootatti dabarsus maxxanfamee jira, jedhan Obbo Darajjeen.

Barsiisaa Seenaa Taarikuu Dheeressaa “Abishee Garbaa Abbaa Makoo Bara 1850 hanga 1870ta keessaatti Horroo Guduruu keessatti baay’ee beekamuu fi goota baay’ee cimaa ture” jedhan.

Naakoor Malkaa tu Ambo irraa gabaase

Siidaan Abiishee Garbaa Magaalaa Shaambuutti Ijaarame Eebbifame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:13 0:00


XS
SM
MD
LG