Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Itoophiyaa 814 Jabuutii Irraa Deebifaman


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Lammiwwan Itiyoophiyaa 814, kanneen mootummaan Jabuutii godaantota seeraa-alaa ti, jechuudhaan gara Itiyoophiyaatti deebise, bulchiinsi Dirre-dhawaa bakka kophaatti baasanii tursiisanitti simatee kan kunuunsaa jiru tahuu beeksisee jira.

Bakka kophaatti baasanii tursiisan kanatti kanneen simataman lammiwwan Itiyoophiyaa Jabuutii irraa baasaman kanaaf nyaata, bakka hirribaa fi wanneen bu’uraaf barbaachisan dhiheesseefii guyyoota kudha afuriif akka isaan tursiisu ka dubbate, bulchiinsichi Dirre Dhawaa, guyyaa kudha afurii booda immoo, qorannaan vaayiresii Koronaa eega taasisameefii booda gara bulchiisota naannoo irraa dhufanitti kan deebisaman tahuu beeksise.

Jabuutiin maaliif akka lammiwwan Itiyoophiyaa kana biyya ishee tii baaste waan ibsame hin jiru. Itti-aanaa Kantiibaan magaalattii akka jedhanitti, magaalaa daangaa Jabuutii irra jirtu – Dawwaalee irraa simataman – lammiwwan Itiyoophiyaa kun.

XS
SM
MD
LG