Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtoon Waraana Yunaaytid Isteets Afgaanistaanii baasuu sirrii akka ta’e Prezidaant Baayidan Dubbatan


Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Baaydan
Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Baaydan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets erga Taalibaan Kaabuliin qabatee as ibsaa kennaniin waraana Afgaanistaan keessaa baasudhaaf , murtoon isaan dabarsan sirii ta’uu isaa dubbataniiru.

Lola Amerikaa isaa bara dheeraadhaaf tasifamee xumuruudhaan Afgaanistaan keessaa buhuun waadaa duula filannoo isaanii keessaa issa tokko waan ta’eef murtoon isaanii sirrii ta’uu isaa Prezidaant Joo Baayidan har’a ibsa kennaniin himaniiru.

Akka Baayiden dabalanii jedhanitti gareen Taalibaan waadaa seene kabajee karaa hammayyaa ta’e irra deemuu isaa fi ykn gochaa bara 1996 hangaa 2001 yemuu taayitaa irra turee raawwachaa ture deebisee raawwachuu isaa adduunyaan ilaalcha cimaaddhaan ilaa jira.

Gara seera Shari’aatii deebi’anii akka dubartoonii mataadhaa amma miilaatti aguuggatan dirqisiisuu? Dubartoonii dhiraa firummaa waliin qaban wajjin malee kophaa isaanii akka alati hin muldhanne ajajuu? Ijoollewan durbaa akka mana baruumsaa hin deemne taasisuu? Mana siniimaa, Muuziqaa fi televijiinii cufuu? Namoottan seeraa shaei’aa Taalibaan morman addabaabayii irratii reebuu? ykn ajjeesuu?, jedhanii kan gaffatan joo Baayidan, wagga darbe biyya kaataar keessatii yemuu taalibaanii wajjin mariin diplomaasii taasifamu dubartoonii akka seeraa Islaamaatti hojachuu fi barachuu dabalatee mirga walqixaa ta’e akka qabaatan, hoggantoonii Taalibaan waadaa galuu isaanii himaniiru.

Haata’uu malee yemmuu baayi’inaa namoottaan afganistaanii bahuudhaaf buufata xiyyaaraa kaabulti argaman ilaalaman namoonii waadaa Talibaan gale sana irratii akka amantaa hin qabne kan agarsiisu akka ta’e Baayidan dabalanii Dubataniiru.

XS
SM
MD
LG