Xurree ittiin seenan

Breaking News

Injifannoon Taalibaan Al Shabaabiin jabeessuu akka danda’u himame


Faayilii - Guraandhala 17, 2021 yeroo loltoonni Al Shabaab qarqara magaala Moqaadishootti leenjii geggeessan
Faayilii - Guraandhala 17, 2021 yeroo loltoonni Al Shabaab qarqara magaala Moqaadishootti leenjii geggeessan

Gareen Taalibaan Afgaanistaaniin deebisee qabachuun isaa gareewwaan adda adda warreen kan akka Al shabaab kakaasuu danda’a yaaddooon jedhu ol ka’aa deemaa jira.

Akka beektonii yaada kennan jedhaniitii yemmuu ykn yoo unmii naga-Eegdotaa aduunyaa Somaaliyaa keessa jiru biyyatii Mootummaa Somaliyaatii dhiisee baha ta’e wantii amma Afgaanistaan keessatti ta’aa jiru Somaliyaa keessattis ta’uun isaa hin oolu.

Erga dhaabanii Midiyaa Al Shabaabiin Degeru Taalibaan Afgaanisataniin qabachuu isaatif gammachuu isaa ibsee booda , Haanga’aan umna tikaa Somaliyaa duraanii Abdulsalam Gulaid akka jedhanitti, mootummaan Somaliyaa umnoota adduunyaa baayisee abdachuu yoo dhiise malee Somaliyaan waan amma Afgaanistaan Argaa jirtu arguu dandeessi.

Al Shabaab yeroo ammaa akka taalibaan umna waraanaa qabaachuu baatus , karaa taalibaan irraa yoo deemuu barbaadan garuu wantii isaan dhaabuu danda’u akka hin jirree Abdusalam Gulaid himaniiru.

Akka karoora tarsiimoo bara 2018 mallateeffameetti umnii nageenyaa Afrikaa innii Somaliyaa keessaa jiru ykn AMISOM jedhamee beekamu Somaliyaa gad lakkisee bahuudhaan duratti itti gaafatamummaa sabaatinsaa Somaaliyaa umnoota nageenyaa biyyatiiti dabarsee kennu qaba.

Akka umnii waraanaa Somaliyaa keessa jiru jedhetii ji’a darbe, loltoonii Al Shabaab 250n ajjeefamanii turan. Lolli sun kan taasifamee gargaarsaa AMISOMn alaa umnoottan Mootummaa Somaliyaatiin.

XS
SM
MD
LG