Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Taayyee Danda’aa: Waliigalteen Garee ‘WBO’ Ofiin Jedhuu fi ABUT Waan Haaraa Miti 


Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti hoogganaa damee Sab-quunnamtii, Obbo Taayyee Danda’aa (Suuraa faayilii)
Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti hoogganaa damee Sab-quunnamtii, Obbo Taayyee Danda’aa (Suuraa faayilii)

Garee mootummaan Itiyoophiyaa shororkeessummaatti farrajee “shanee” ittiin jedhuu, kan ofii “Waraana Bilisummaa Oromoo” ofiin jedhuuf hoogganaa ol’aanaa ka tahan Kumsaa Dirribaa, maqaa “Jaal Marroo” jedhuun beekaman, Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan HIWEHAT waliin walii-galtee tolfanne, jechuun, Kibxata torban dabree madda oduu Asooshiyeetid Preesitti dubbatanii turan.

Gama biraatiin “Kan Addi Bilisummaa Uummata Tigray (ABUT) Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hojjechuuf walii galtee irra gahuun isaa humna uummataa fi biyya bowwaatti darbaa jirutti duuluuf,“mootummaan naannoo Tigraayis achii booda ibsa baaseen beeksisee jira.

Gabaasaalee torban dabre tamsaasne kaneen ilaalchisuun, Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti hoogganaa damee Sab-quunnamtii – Obbo Taayyee Danda’aa Namoon dubbisee jira. Caqasaa.

Obbo Taayyee Danda’aa: Waliigalteen Garee ‘WBO’ Ofiin Jedhuu fi ABUT Waan Haaraa Miti
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:10 0:00


XS
SM
MD
LG