Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Masjiida Siinaa Irra Ga’een Namoota 235-tu Ajjeefaman


Angawoonni naga eegumsa Masrii sabaa himaa biyyattii maqaa dha’uun akka gabaasanitti shakkamtoonni leellistoota Islaamummaa majiida namaan guutame kan odola Sinai gama kaabaa irratti haleellaa raawwataniin namoota 235 galaafatan.

Gabaasaan dhaaba oduu mootummaa MENAn akka gabaasetti leellistoonni masjiida al-Rawdah kan magaalaa Bir al-Abed irratti fuuleffatan.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti ambulaansiin namoota haleellaan irratti raawwate naannoo Sanaa kaasuun gara hospitaalaatti geessaa turan.

Biyyi hollaa Israael haleellaa sanaan booda gadd itti dhaga’ame Masriif ergitee jirti. Israaelii fi iMasriin bara 1979 walii galtee nageenyaa mallatteessuu dhaan wal ta’iinsa naga eegumsaa walitti dhiyoo tolfatan.

Humnootiin naga eegumsaa Masrii waggoota sadii oliif Sinai kaabaa bakka isaan poolisootaa fi loltoota dhibbaan laka’aman galaafatan keessaa garee IS waliin wal waraanaa jiran.

XS
SM
MD
LG