Xurree ittiin seenan

Hiriirtonni Kuma Hedduun Har’a Gujii Bahaa Keessatti Mormiif  Bahan “Qabeenyaan Lafa Keenyaa Faayidaa Keenyaaf Haa Oolfamu!” Jedhan 

  • Namoo Daandii

Faayilii - Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa

Godinaa Gujii Bahaa, aanaa Sabbaa-Boruu, ganda Qanxichaa keessatti uummatni kumaa hedduutti lakkaawamu har’a, gara magaalaalaa Qanxichaatti yaa’uudhaan hiriira mormii guddaa geggeesse. Rakkoolee baroota hedduuf nu irra bubbulan – jedhu, keessumaa kan qabeenyaa mootummaa tahe – warshaa Dhaabbata Taantaalemii Qonxichaa irraa uummatni naannoo faayidaa isaaf mal otuu hin argatiin waggoota 26f ture – jedhan balaaleffachaa turan – hiriirtonni. Sababaa warshaa kanaa fi warshaalee ka biroo naannoo sanaatiif summaa’uu qilleensaaf saaxilamuu isaanii illee himatan.

Rakkolee sababaa warshaalee fi qotinsa albudaatiin uumaman malees rakkoo du’aa fi jireenyaa tu akka Oromootti nu mudataa jira – jedhan. Bulchiinsi aanaa Sabbaa-booruus iyyannaan uummata har’a hiriira bahee himannaa haqaa tahuu dubbata.

Gabaasaa guutuu dhaggeedhaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG