Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Zimbaabwee Waggoota Dheeraaf Bulchan Aangoo Gad Dhiisan


Kan kurna afuriif aangootti cichanii turan Prezidaantiin Zimbaabwee Roobert Mugaabeen fedha isaaniin aangoo gad dhiisuu isaanii afaan yaa’ii mana maree biyyattii beeksisan.

Xalayaan Roobert Mugaabeen aangoo gad dhiisuu isaanii mana maree kan dhaqqabe har’a wayita seera tumtoonni adeemsa dirqiin aangoo irraa isaan buusuu jalqabanitti ta’uu afaan yaa’ii mana maree biyyattii kan ta’an Jaakoob Mudeendaa Beeksisaniiru

Yunaayitid Isteetis Hoogganoonni Mugaabee Biyyattii Gara Nagaatti Akka Geggeessan Gaafatte

US hoogganoonni zimbaabwee biyyattii gara ce’umsa gaariitti akka geggeessan akkasumas mormitoota biyyattiif waltajjii siyaasaa kennuu dhaan uummati biyyattii hegeree isaa akka murteeffamu akka eeyaman gaafattee jirti.

Itti aanaan ministrii dhimma alaa kan dhimmootii Afriikaa Donald Yamamoto kaleessa tuuta oduuf kaleessa galgala ibsa kennaniin akka jedhanitti jijjiirama dinagdee fi siyaasaa isa dhugaa hojiitti hiikuun fedhii lammiiwwan Zimbaabsee hiikuuf dhimma isa ijoo dha jedhan.

Ergaan kun kan dhaga’ame afaan yaa’iin paarlaamaa Zimbaabwee prezidaant Roobert Mugaabeen aangoo gad dhiisuu isaanii utuu hin labsin sa’aatilee hanga tokko dura.

Yamaamotoon akka jedhanitti hawaasi addunyaa uggura Zimbaabwee irra kaa’ame irraa kaasuu fedha, biyyattiin sabatiinsa hoolloota ishee keessatti gumaacha siyaasaa bu’a qabeessa akka qabaattu illee arguu fedha.

XS
SM
MD
LG