Xurree ittiin seenan

Oromiyaa fi kilabootii isii ‘ulfinna dhamne' jedhanii dorgommii federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa qopheessu cufaayyuu dhaaban

  • Soraa Halakee

Xurunash Dibaabaa, Tigist Tufaa fi Maree Dibaabaa(kuusaa suuraalee)

Atileetota,bulchootaa fi leenjistootii atileetiksii Oromiyaa yo hedduu Federeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa waan hedduun himachaa bahan.

Oromiyaa atileetiksiilleen Itoophiyaan addunyaa irratti maqaa dansaa baafteef akka leenjistootaa fi atileetotii Oromiyaa jedhanitti akkuma hujii ufiitiin ulfinna hin argattu.

Rakkoon tun woma duruu jiraati amma ammoo haga dabarteeyyuu jedha leenjsiaa Toleeraa Dinqaa. Obboo Toleeraa warra atileetota Itoophiyaa guddisee daaddisee guddisee asiin gahee keessaa tokko.

Atileetota guddifnee dorgommiitti gadi dhiisuu malee fulaa murtii federeshiinii yoo isiin geettu qooda hin hin qamnu jedha obboo Toleeraan.

“Oromiyaa gootichaa akka Abebee Biqilaa irraa kaasee Daraartuu Tulluu irraa kaasee,Qananiisaa Beqqelee,Xurunesh Dibaabaa irraa kaasee,Tikkii Galaanaa irraa kaasee,Sileesh Siin fa iraa kaasee Atileetoa gootota hammana kanaa oomishee garuu kabajaaf iddee hin qabu,” jedha.

Leenjsitootaa fi atiletotii Oromiyaa waan tuffatanifi waan isii male dhowwatan jedhan.Akka Oromiyaa miidhuu fi gadi qabu dhaaban gaafatanillee akka jecha obboo Toleeraati rakkoon tun womaayyuu hin qajeelle,tanaaf dorgommii federeshiiniin biyyooleessaa maqaa atileetotaatiin qopheessu cufaa ufi irraa dhiisan.

Naannoon Amaaraalleen akka jecha obboo Toleraatti tanumaaf jettee Federeeshiinii biyyooleessaa waliin kalee,Sadaasaa 19 jalqabdee waliin hojjachuu dhaabde.

Fkn dorgommii London ta baranaa irratti akka obboo Toleeraan jedhutti Oromiyaan nama 21 filtee dorgommii qopheeffatte taatullee hin fudhanneef

Akka waan kana qajeelchan akka obboo Toleeraan jedhutti mootummaan naannoo Oromiyaalleen itti dabalamee xalyaan,marii fi waan hedduun gaafatullee irratti didan.

Tanumaaf jettee Oromiyaan dorgommii kalee,Sadaasaa 19, 2017 Jaanmeedaatti qopheessanillee irratti dorgomuu didde. Taatullee atileetotii dhuunfaan dorgoman hin dhiifne hinuma dorgoman.

Naannoon Amaaraalleen akkuma naannoo Oromiyaa tanaaf jettee dorgommii Jaameddaa,Finfinnee ta kalee dhiifte.Dorgommiin Jaanmeedaa sun dorgommi atileetoksii bebeekamoon egerii biyya fulaa bu’anii dorgoman keessaa filataman.

Naannoon Kibbaalleen dorgommi Jaanmeedaa keessaa bahuu baattullee federeshiinii biyyoolessaa keessattiu murtii irratti qoodan dhanii himachumatti jiran.

Oromiyaan kilaboota atileetiksii 21 caalaa qabdi.Akka jecha obboo Toleeraatti Oromiyaan ufi ulfeessuuf federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa waliin hojjachuu dhaabde.

Murti tana mootummaan Oromiyaa,atileetotaa fi federeshiiniin atileetiksii Oromiyaalleen irratti walii galee bakka bu’aa filatee dhaabe.

Fkn kilabii kubbaa miilaa ‘Jimmaa Abbaa Bunaa’ akka isiin kilabii biyyooleessaatti hin dabalamne beekuma beekaa qadi qabanii achitti hambisan jedhan obboo Toleeraan.“Bajata qamnaa,atileeti qamnaa,garuu dhiibbaa jala jirra.”

Haga Federeshiiniin atileetiksii biyyoolesaa waan Oromiyaan himatte kanaaf murtii qajeeltuu kennutti Oromiyaan dorgommii federeshiiniin qopheessu tokkollee itti daramtu.

"Ulfinna argachuuf dorgommii keessaa baane,”jedha Leenjsiaa Toleeraa Dinqaa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG