Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nama Qaamaa Hir’uu Harkii Fi Miilli Isaa Hin Sossoone Shakkamaa Dha Jechuun To’annaa Jala Oolchan: Maatii


Taarikuu
Taarikuu

Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessaa namoonni 11 ta’an torban tokko dura to’annaa jala oolfamuu dhaan harka poolisii erga turanii booda jimaata darbe gara Finfinnee mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti keessamuu isaanii firoottan namoota hidhamanii beeksisaniiru

Kanneen to’annaa jala oolan keessaa tokko nama qaamaa hir’uu yoo ta’u erga dhalatee qabee harkii fi miilli isaa sosso’uu kan hin dandeenye dargaggoo Taarikuu Bayyanaa tokko ta’uu maatiin isaa nuuf ibsaniiru.

Taarikukun maaliif akka qabame ana mitii innumti iyyuu hin beekuu jedha obboleessi isaa Tarfaasaa Bayyanaa.

Haati warraa isaa aadde Hiiwet Yaadataas poolisoonni manatti nu nam’anii mana sakattaana, shakkamaa Taarikuun immoo federaala irraa xalayaan dhufe waan ta’eef to’annaa jala ooluu qaba jechuun mana sakatta’anii waan argatan tokko iyyuu hin qaban isa garuu fuudhanii deeman jetti. Balleessaan isaa maal akka ta’e hin beekunu jettee jirti.

Komiishina poolisii Oromiyaatti komiishiner Jeneraal Ittafaa Tolaa waa’ee dhimma kanaa gaafatamanii haalli isaa qoratamaa jira, itti dhiyeenyaan hordofaa jirra jedhan.

Nama Qaamaa Hir’uu Harkii Fi Miilli Isaa Hin Sossoone Shakkamaa Dha Jechuun To’annaa Jala Oolchan: Maatii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:01 0:00

XS
SM
MD
LG