Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Keeniyaa Injifannoo Keeniyaattaa Raggaasise


Manni-murtii Olaanaa Keeniyaa ba’ii filannoo prezedaantummaa keeniyaa Onkoloolessa 26 bara 2017 gaggeeffame har’a raggaasisee jira. Kanaanis filannoon biyyattii Prezident Uhuuruu Keniyaataa mo’atan akka raggaasisamu ajaja kennee jira.

Filannoo si’a lammaffaaf gaggeeffame eega Keeniyaataan injifatanii booda namootni sadii sadaasa 6, bara 2017 “filannoon kun karaa haqa-qabeessaan hin gaggeeffamne” jechuun dhimma isaa gara mana murtiitti geessan.

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaas torban tokkoof eega himannaa kana dhaggeeffachaa turee har’a himannicha kuffise. Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa Deeviid Maaraagaa ‘himannaaleen dhiyaatan ‘bu’ii filannoo kana kuffisuuf ga’oo miti’ jechuun beeksisan.

Paartii Uhuruu Keeniyaattaa -- Juubiliin, Keeniyaattaan torban borii, Sadaasa 28, bara 2017 akka kakatanii muudaman beeksise. Galmoo Daawit tu Naayiroobii irraa gabaase.​

Manni Murtii Keeniyaa Injifannoo Keeniyaattaa Raggaasise
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:19 0:00

XS
SM
MD
LG