Xurree ittiin seenan

Mugaabeen Ugguramuun Booda Yeroo Duraatii Uummata Duratti Mullatan

  • VOA

Kan waggoota 37f taayitaa prezidaantummaa Zimbaabuwee qabatanii turan – Roobert Mugaabee, eega waraanni biyyattii jalqaba torban kanaa irra mana isaaniitti ugguran as har’a yeroo jalqabaatiif uummata duratti mul’atan.

Ka dadhabbiin irraa mu’atu – Mugaabeen, gaawaanii eebba barnootaa bifa uqulisaa fi keelloo wal-makaa qabu uffatanii, sagantaa eebba magaalaa Haraaree keessatti geggeessame irratti yeroo argamanitti eebbifamtoonni harka walitti-rukkutuun simatan.

Hoogganoonni mormitootaa, dhaabonni Siivilii fi gurmuuleen mirga dhala-namaa akka prezidaant Mugaabeen hatattamaan taayitaa gad-lakkisan ennaa gaafataa jiranitti, uummatni biyyattii akka danqaan gidduu kana mudate dafee furmaata argatu abdataa jiru. Garuu, Mugaaabeen amma illee ofiin taayitaa gad-lakkisuu sana akka fudhachuu didan tu odeessamaa jira. Prezidaantiin Afrikaa Kibbaas, Kaleessa ennaa paarlaamaa biyyattiif haasawa godhaniitti, dhimma kana irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf, yeroon isaa hin geenye – jedhanii turan.

Suuraan prezidaantichaa duraanii har’a bakka eebbaa sanaatti kaasame akka agarsiisutti, Hoogganaa humna waraanaa – Konistaantinoo Chiweengaa wajjiin dhaabbataa turan.

Dhimma argaarsaan ministara dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Doonaald Yamaamootoo, Zimbaabiween akka bara haaraatti ceetu abdii qaban.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG