Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prez Traamp:Chaayinaan Lammiwwan Isheef Jecha Carraa Aragatteen Gargaaramuu Isheef Komatamuu Hin Qabdu


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp imaltuu yeroo jalqabaaf gara biyyoota Eshiyaatti gaggeessaniin guyyaa lamaaf gara Chaayinatti goranii jiru.

Daldala madaalawaa hin taane kan Chaayinaan gaggeessitu irratti Traamp dhiibbaa akka godhaniif kan gaafatamaa turan hojii irra oolchuuf jedhu dirqaman xiinxaltonni.Traamp Chaayinaa keessa yeroo jiranti chaayinaan Yunaaytid Isteetsiin fayyadamuu ishee waan gaarii ta’u dubbatan.

Sirna walii galtee Doolaara Biliyoona 200 fi biliyoona 50 mallatteessuu irratti Traamp haasawaa dhagesiisaniin biyyaa lammiwwan isheef jecha carraa biyyaa biraa keessatti argameen gargaaramte eenyuutu komata? Jedhanii eega gaafatanii booda gama koon ani chaayinaa hin komadhu jedhan.

Traamp Walgahii walta’iinsa dinagdee biyyoota Eshiyaa fi paasifik irratti hasawaa dhageesisan robii kaleessa Waayt Haawuus keessatti irra deebi’anii dhageesisan.

XS
SM
MD
LG