Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Keniyaa Irratti Falmii Gaggeeffamu Itti Fufee Jira


Ba’ii filannoo prezidaantummaa Keniyaa kan Onkolooleessa 26 bara 2017 gaggeeffame irratti manni murtii mummeen kan Keniyaa falmii guyyaa dhumaa har’a dhaggeeffatee jira.

Hogganaan mormitootaa Raa’ilaa Odingaa deggertonni isaanii ba’anii akka sagalee hin laannee waan ajajaniif jecha prezidaantiin Keniyaa Uhuruu Keenyaattaa guutuummaatti injifatanii jiru.

Falmii kan dhiyeessa keessaa tokko seera tumaa duraanii Harun Wau yoo ta’an kaan immoo namoota lama kanneen kabajamuu mirga dhala namaaf qabsa’an Jonjo Mue fi Khalef Kalifaa turan.

Wau kan bakka bu’an Benjamin Musyoki akka jedhanti yeroo filannoon haqamuu akka keeyyata seera biyyatti 140 tti kaadhimmtoonni fi deemsii filmaataa duraan ture haqamuu qaba.Kanneen kabajamuu mirga dhala namaaf falman lameen Mue fi Khalifaan akka jedhanti immo komishinni filannoo buufata filannoo 290 kan heerri ajajuu keessatti hin gaggeessine jedhu.

Abbaa alangaa mummichi Githu Muigai garu kun hundumtuu filannoo gaggeeffamee gatii dhabsisuu hin danda’uu jedhu.

XS
SM
MD
LG