Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) Maqalee Keessatti Gaggeeffamaa Jira


Maqalee keessatti cufataan gaggeeffamaa ka jiru walgahii adda bilbisummaa uummata Tigraay (TPLF) irratti kan hirmaatan fi eenuymmaan isaanii ifatti kan hin ibsamnii miseensoonni koree giddu galaa Robii kaleessa walgahicha dhiitanii ba’uu odeefannoon gamasii argamee ibsee jira.

Qeequu fi of-qeequu yookan gamaaggama cimaa geggeessame irraa kan ka'e miseensonii koree giddu galaa dhaabichaa aadee Azeeb Masfin fi Obboo Birihaanee Kidaaneemaariyaam walgahicha dhiitanii bahan jedhame.

Maddeen Maqalee irraa akka ibsanti galmeen gamaaggamaaf dhiyaatee kan durii fi yeroon itti darbe akkasumas qabsoo demokraatawaa jaarmayichii gaggeessu keessatti dadhabbii ka hordofsisee ta’uun ibsamee jira.Kana malees Iftoomiina hojii kan hin qabne waan ta’eef jecha farra haqaa fi demokraasii ta’uun jajjabaachaa dhufuu ibsa jedhamu gabaafamee jira.

Dandeettiin hogganaa haalaan gad bu’aa dhufee, raawwiin guddinaa fi traanformeeshiin argamees qubsaa hin taane jechuun hirmaattonni harka caalaan walii galuu isaanii sagaleen agarsisan jechuun maddeen kun ibsanii jiru.

Walgahiin TPLF kan cufataan Maqalee keessatti gaggeeffamaa jiru kun gidduu kan xumurama jedhamee eegama.

XS
SM
MD
LG