Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Hidhamaa Du’ee: Ilma Koo Mana-hidhaa Qilinxoo Keessatti Eega Reebanii Ajjeesanii Booda Wallaansa Fakkeessuuf Reeffa Isaa Hospitaalatti Geessan


Faayilii - Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 godhan
Faayilii - Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 godhan

Ilmi isaa Armaayee Waaqee jedhamu odoo mana-hidhaa Qilinxoo keessatti hidhamee jiru ka jalaa lubbuu dhabe – Obbo Waaqee Maammoo, ilmi Kiyya dhukkubsatee otuu hin taane reebichaan na jalaa ajjeesame, naaf haa qoratamu – jechuudhaan, kaleessa, mana-murtii federaalaa Itiyoophiyaatti iyyachuu isaa kaleessa gabaasnee turre.

Obbo Waaqeen Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “Ilmi kiyya obboleessa isaa mana-murtiitti dhihaate barbaacha dhaqee achitti qabame. Gochaa yakkaa dharaatiin yakkamee mana-hidhaatti darbame. Yakka tokko malee reebanii na jalaa ajjeesan. Eega reebanii ajjeesanii booda, reeffa isaa Hospitaala Phaawuloos-tti gessanii, Koolejii Fayyaa achi jiru keessa kaa’an. Nutti bilbilamnaan yeroo reeffa fudhachuu deemnu, sammuun isaa buruqee, qaamni isaa dhidhiita’ee, garaan isaa baqaqee hodhamee ture. Onneen isaa faa keessaa fudhatameera jedheen shakka. Akka naaf qoratamu iyyataan jira,” jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

Abbaa Hidhamaa Du’ee: Ilma Koo Mana-hidhaa Qilinxoo Keessatti Eega Reebanii Ajjeesanii Booda Wallaansa Fakkeessuuf Reeffa Isaa Hospitaalatti Geessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:05 0:00

XS
SM
MD
LG