Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Ministeerota Afriikaa Mariisisuuf Jedha


Doonaald Yamaamotoo, Ministrii dhimma alaa US - tti gargaaraa ministeerri dhimmootii Afriikaa
Doonaald Yamaamotoo, Ministrii dhimma alaa US - tti gargaaraa ministeerri dhimmootii Afriikaa

Ministriin dhimma alaa US Rex Tillerson ministeerota dhimmootii alaa biyyootii Afriikaa 37 torban kana simatanii waliin mari’achuuf jiru. mariin isaaniis bulchiinsa prezidaant Doonaald Traampiin kan geggeeffamu wal ga’ii imaammata Afriikaa irratti fuuleffate isa guddicha ta’uun beekamee jira

Wal ga’iin kamisa fi jimaata dhufu geggeessamu kun daldala, dinagdee, farra shororkeessummaa fi bulchiisa gaarii kan of keessatti hammatu ta’uun beekameera.

Wal ga’ii kana irratti ministeerota kanaan ala dura taa’aan gamtaa Afriikaa Mossa Faki Mahamat fi jiloonni gamtaa Afriikaa kanneen biroon irratti argamu jedhameera.

Ministrii dhimma alaa UStti gargaaraa ministeerri dhimmootii Afriikaa Doonaald Yamaamotoo VOA Africa 54 jedhamuuf ibsa kennaniin galmi wal ga’ii isanaa inni ijoon gargaarsa kennamu irra tarii dantaa waliinii irratti kan hundaa’I imaammata michummaa qopheessuu akka ta’e dubbataniiru.

Akkuma argitan jedhan Yamaamotoon qiyyaafati US Afriikaa qofaa irratti utuu hin mutaa’in guutummaa addunyaa irratti waan ta’eef mariin jirus damee bal’aa qaba. Gargaarsa namoomaa qofaas utuu hin ta’in misoomas of keessaa qaba.

Guddinni dinagdee walii galaa akka jiraatutti yaaaduu dhaanis dandeettii ijaaruu irrattis ni fuulleffanna jechuu dhaan ministrichi dhimmootii Afriikaa Yamaamotoon dubbataniiru.

Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Ministeerota Afriikaa Mariisisuuf Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00

XS
SM
MD
LG