Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirnii Awwaalcha Koloneel Aliyyii Cirrii Har’a Gaggeeffamee Jira


Sirnii Awwaalcha Koloneel Aliyyii Cirrii
Sirnii Awwaalcha Koloneel Aliyyii Cirrii

Koloneel Aliyyii Cirrii dhalatanii umrii isaanii 96ti du’an kan boqotan yoo ta’u sirnii awwaalcha isaanii har’a Sadaasa 14 bara 2017 aangawoonni, artistonnii fi uummanni Oromoo hedduun bakka argamanti madda walaabuu keessatti gaggeeffamee jira.Koloneel Aliyyiin qabsaa’ota bara 1960ta keessa Fincila Baalee keessatti ituu dargaggummaa hin ga’iin itti hirmaatan. Qabsoon gaggeessanis mootummaan Haayle Sillaasee uummata Oromoo irratti cunqursaa fi gabrummaa gaggeessuu dhabamsisuu irratti fulleeffate. Qabsoo kana hogganaa kan turan Janaraal Waaqoo Guutuu Koloneel Aliyyii cirri qabsoo kanatti dabalamuu yeroo argan hedduu gammadan.

Koloneel Aliyyii Cirrii
Koloneel Aliyyii Cirrii

Abbaan Koloneel Aliyyii qabsaa’aa beekamaa ta’u fi ilmii isaanii koloneel Aliyyiin waahiloota isaanii kanneen biroo waliin gara Somaaliyaatti ergamuun leenjii waraanaa argachuu isaanii waahiloota isaanii durii keessaa tokko kan ta’an Haajii Aliyyee Umar ibsanii jiru. Dhuma irratti Koloneel Aliyyi Cirriin aanaa Madda Walaabuu magaalaa Bidireetti deebi’anii kan jiraataa turan yoo ta’u dhuma irrattis dhukkubsatanii wal’ansa fayyaa argataa eega turanii booda du’an boqochuu isaanii ibsamee jira.

Koloneel Aliyyii Cirrii haadha warraa afur fi ijoollee 25 kan qaban ta’u kanneen itti dhiyeenya qaban ni dubbatu.

Sirnii Awwaalcha Koloneel Aliyyii Cirrii Har’a Gaggeeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:31 0:00

XS
SM
MD
LG