Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoota: Yunivarsitii Mattuu Keessatti Barnootii Sirnaan Gaggeeffamaa Hi Jiru


Yunvarsitii Mattuu
Yunvarsitii Mattuu

Hogganoonni mormituu kan akka Dr. Mararaa Guddinaa, Baqqalaa Garbaa fi kanneen biroon haa hiikaman, barattoota Oromoo kanneen yunivarsitii Jigjigaa keessaa iddoo biraatti haa ramadaman jechuun barattonni Oromoo kanneen Yunivarsitii Mattuu keessaa torban lama dura hiriiranii akka turan dubbatu.

Sana booda prezidaantiin Yunivarsitii Mattuu barattoota hundumaa ija wal qixxeen ilaaluu dhisanii gosa ofiif baabsan waan ta’eef aangoo haa gadhiisan jechuun barattonni Oromoo gaaffii itti fuufan. Gama kaaniin immoo barattonni dhalootaan Tigraay irraa ta’an kanneen moraa yunivarsitichaa keessa baratan lubbuu keenyaaf sodaannee jechuun mooraa sana dhisanii ba’u fi gara Gaambeellaatti dheessanii akka turan dubbatu.

Garu bulchiinsii Yunivarsitii fi kan naannoo waan isaan amansiseef Awutobusii yunivarsitii Gaambeellaan fe’amanii gara mooraa Yunivarsitii Mattutti yeroo deebifaman barattoota Oromoo irraa mormiin waan nu mudateef sodaa nageenyaad jecha Gaambeellaatti deebine jedhu.

Barattoonni Yunivarsitii Mattuu, barnoota sinaawaa otuu hin jalqabiin torban lama turuu isaanii fi barattoonni hagi tokkoo mooraa gad-lakkisanii akka ba’aa jiran illee dubbatan. Yunivarsitiin Mattuu garu har’a bulchiinsa yunivarsitichaa kan naannoo fi abootiin gadaa barattoota waliin marii gaggeessaniin Kibxata borii barnootii kan jalqabamu ta’u mirkaneessan.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

Barattoota: Yunivarsitii Mattuu Keessatti Barnootii Sirnaan Gaggeeffamaa Hi Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:01 0:00

XS
SM
MD
LG