Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Biyyoota Mirga Interneetii Fayyadamuu Ukkaamsan "Not Free" Jedhaman Keessaa Takka: Gabaasa Haaraa


Akkuma addunyaatti mirgi interneetii fayyadamuu akka malee ukkaamamaa dhufeera. Mootummoonni biyyoota baayyee tajaajila interneetii bilbila harkaa cufuu, viidiyoowwaan kallattiidhan tamsasaman akka sirritti hin hojjannee godhuu fi namoota deeggartummaa mootumaa gama interneetittiin jajjabeessan bayyisanii qaxaruudhan hawaasa ballaa innerneetii irraa fageessaa jiran jedha, gabaasni dhaabbata miti-mootummaa Firiidam Haawus baase.

Itoophiyaan biyya itti walabaan interneetii fayyadamuun hin danda'amne, biyyoota "Not Free" jalatti tarreeffaman keessayi.

XS
SM
MD
LG