Xurree ittiin seenan

Angawoonni Mootummaa Ragaa Ittisaa Ta’uun Akka Dhiyaataniif Manni Murtii Ajaja Kenne

  • Jaallannee Gammadaa

Federal Higher Court Ethiopia

Hogganoota paartii Kongreesa Oromoo dabalatee galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kanneen himataman namoonni kudha torba ragaa ittisaa akka dhiyeeffataniif manni murtii bellamnii biraa har’a kennamee jira.

Hoogganoota ol’aanoo dhaabichaa afur Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Addisuu Bullaallaa fi Gurmeessaa Ayyaanoof akka ragaa ittisaatti aangawoonni sadarkaa olaanaa biyyatti akka dhihaatanis manni-murtii kan ajaja kennee ture ta’us xalayaan waamicha mana-murtii aangawoota sana hin dhaqqabiin hafuu ni yaadatama.

Har’a garu xalayaan waamichaa ituu hin ergamiin hafuun sababaa hojjattoonni barresanii hin qopheesineef ta’u manni murtii ibsee ragaa ittisaa ta’uun Muddee 27 - 29 bara 2017 dhiyaataniif ajaja kenne.

Galmee kana irra kan jiran himatamtoonni ka biroon kudha Sadii gaafuuma bellamnii kennamee kanatti ragaa ittisaa dhaggeefachuun kan itti fufuu ta’uun ibsamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG