Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Shaakkisoo Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeeffamee Jira


Faayilii - Mormii Oromiyaa
Faayilii - Mormii Oromiyaa

Godiina Gujuu bagaa magaalaa Shaakkisoo keessatti uummanni har’a hiriira mormii ba’u isaa jiraattonni dubbatanii jiru.Gaaffiin isaanis daangaan Oromiyaa haa kabajamuu, Oromoota jireenya irraa buqqisuun haa dhaabatu akkasumas qonnaan albudaa laga Dambii haa dhaabatu kan jedhu ture.

Warqee laga Dambii baasuuf keemikaalli itti gargaaraman fayyaa uummataa balaaf kan saaxiile akkasumas uummata naannoof bu’aa argamsisee kan hin qabne ta’u jiraattonni ibsanii jiru.

Daangaan Oromiyaa guutummaatti kabajamuu akka qabu akkasumas Oromoonni bulchiinsa naannoo Somaalee keessa buqqifamuun sirrii akka hin ta’iin kunis dhaabachuu akka qaban gaafatan. Hiriirri kun nagaan gaggeeffamee xumuramuu isaa aangawaan bulchinsa magaalaa fi kan nageenyaa mirkanessanii jiru.

Magaalaa Shaakkisoo Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:52 0:00

XS
SM
MD
LG