Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Ameerikaa Keessatti Namooota Adamsee Ajjeesuutti Namichi Beekkamu fi Waggota 45 Mana Hidhaa Ture Harra Du'an Boqote


Seenaa Ameerikaa keessatti, namooota hedduu duraa-booda adamsee ajjeesuutti kan beekame – Chaarlis Mansen, eega waggoota afurtamii shan mana-hidhaa turee booda, umurii isaa waggaa saddeetamii sadiitti har’a du’aan boqote.

Dameen Sirreessaa fi Bayyanachiisaa, kutaa Kaalifoorniyaa ibsa kenneen, Mr. Mansen, mana-hidhaa aanaa Kern keessatti, dhukkubaan du’uu siaa beeksise.

Mansenii fi gargaartonni isaa ja’a, kutaa Kaalifoorniyaa keessatti, bara 1971, halakan lama gidduutti ajjeechaalee suukaneessoo ta’an toorba walitti-aansanii raaw’achuu isaaniitiin yakki itti muramee hidhaman.

XS
SM
MD
LG