Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Dhadhaab suuta nurratti cufamuuf deema’ Baqattoota Dhadhaab 


Keeniyaan Gandoota buufata baqataa Dhadhaab kan baqattoonni Somaalee irraa ofirra deebifamaa jiran cufaa jiraachuu ishee Baqattoonni dubbatan. Bara darbe ‘Gandi Kaambiyoos jedhamu yoo cufamu ammas bara eger kana gandi ‘Ifoo 2’ (Ifoo Two)’n cufamuudhaaf akka jiru baqattoonni Oromoo Dhadhaab keessa jiraatan Raadiyoonii VOA’f himaniiru.

Lakkoofsi baqattoota Dhadhaab keessaa amma gara kuma dhibba lamaatti kan gadi bu’e yoo ta’u, dhaabbileen gargaarsaas gadi hirrataa akka jiran Bakka Bu’aan Hawaasa Oromoo Dhadhaab jiran ni dubbatu.

Waajjirri Dhimma Baqataa Keeniyaa waa’ee egeree Dhadhaab gaafatamee deebii kennuu baatus, ‘Hojjetaan Waajjirichaa tokko garuu ‘Baqattoonni Waa’ee Cufamuu Dhadhaab Sodaa Qabaachuu hin qabani’ jechuun deebii kennan.

Galmoo Daawit Gabaasa guutuu qaba

'Dhadhaab suuta nurratti cufamuuf deema’ Baqattoota Dhadhaab
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:23 0:00

XS
SM
MD
LG