Xurree ittiin seenan

“Oromoo Taanee Bulchiinsa Naannoo Somaaleetti Deebi’uun Lubbuu Keenyaaf Sodaachisa.”Hojjattoota Waajiiraaalee Federaalaa 

  • Jaallannee Gammadaa

Hojjattonni Oromoo kanneen bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti waajiraalee mootummaa Federaalaaf hojjataa turan sodaa nageenyaaf jecha gamasitti hin deebinuu jechuun iyyataa jiru.

Waajiiroonni mootummaa Federaalaa kun kan akka baankii daldala Itiyoophiyaa, Gumruuka, Teeleekomunikeshinii fi waajiira humna ibsee biyooleessaa akkasumas yunivarstiwwan dabalata.

Waajiiraaale kana hanga tokko keessaa kanneen hojjataa turan akka jedhanti ammaaf boqonnaa ba’aa jedhanii mindaa baatii lamaa kan nu kennan ta’uus boqonnaan jedhame yeroo dhumuutti deebi’aa jechuun nu dirqisiisaa jiru jedhan.

Angawoonni waajiiroota kana keessaa deebii nu kennan akka jedhanti boqonnaa ba’an yeroo fixatan deebi’uu qabu jedhu .kaan immoo dhimmichii gara fuula duraatti ilaalamuu qaba jedhan.Ministeera barnootaa keessatti kutaan barnoota sadarkaa olaanaa garu barsiisonni yunivarsitii Jigjigaa gamasitti akka deebi’an itti himee jira.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG