Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Waraanni Naayjeeriyaa Kaleessa Dogoggoraan Rawwateen Siviiloota 70tu Du'e Jedha Dhaabati Fannoo Diimaa


Mooraa baqattootaa Raanni keessatti namoota miidhan irra gahe, Naayijeeriyaa, Amajjii,17, 2017.
Mooraa baqattootaa Raanni keessatti namoota miidhan irra gahe, Naayijeeriyaa, Amajjii,17, 2017.

Haleellaa samii irraan waraanni Naayjeeriaa dogoggoraan mooraa uummata biyya ofii keessatti qe’ee irraa godaanan irratti raawwateen yoo xiqqaate siviloni 70 ta’an ennaa du’an kanneen 100 ta’an madaa’uu koreen fannoo diimaa addunyaa beeksisee jira.

Haleellaan sun kan raawwate kaleessa Ran daangaa Naayjeeriaa fi Kaameeroon irratti. Angawoonni balaan sun Boko Haram irratti kan fuuleffate ture.

Dubbi himaan prezidaantummaa Femi Adesina VOAf akka ibsanitti naannoo sana sochiin Boko Haram kan ture ennaa ta’u waraannis lootee seentota sana gamasii baasuuf haleellaa dogoggoraa raawwate jedhan.

Fannoo diimaan akka jedhetti kanneen du’an keessaa ja’a miseensota isaa lammiiwwan Nayjeeriaa ti. Hojjettoonni isaa ennaa haleellaan sun raawwatametti baqattoota kuma 25 ta’aniif hojii gargaarsa namoomaa kan nyaata raabsuutti bobba’anii turan.

XS
SM
MD
LG