Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Filannoo Biyyoota Ka Biroo Gidduu Seenuu Malti: Joo Baaydan


Raashiyaan Filannoo Biyyoota Ka Biroo Gidduu Seenuu Malti: Joe Biden
Raashiyaan Filannoo Biyyoota Ka Biroo Gidduu Seenuu Malti: Joe Biden

Itti aanaa prezidaantiin Ameerikaa Joo Baaydan biyyoonni Awrooppaa Rashiyaan akkuma filannoo US gidduu seenuu dhaan Trump akka aangoo qabatan gargaarte filannoo isaanii irratti dhiibbaa akka hin goone qophee akka godhan akeekkachiisanii jiran.

Biyyoonni Awrooppaa keessaa hedduun waggaa kana filannoof qophaa’aa ennaa jiran kanatti Raashiyaan adeemsa demokraatawaa jeequuf yaaluun hin oolu. Kkun immoo dhuguma ta’uuf jira jechuu dhaan haasaa isaanii xumuraa Davos Switzerland keessatti dhageessisaniin beeksisan Joo Baaydan.

Itti dabaluu dhaanis Raashiyaan qajeelfama madaalawaa kan sadarkaa addunyaa dhabamsiistee sirna kanneen humna qaban biyyoota harka jala akka galfatan godhutti akka deebi’u feeti jedhan.

Hookkara Raadhiyaan biyyoota holloota ishee kan akka Ukrain irratti ooftu tuquu dhaan Biden akka jedhanitti dhiyeessii enerjii akka meeshaa waraanaatti fayyadamti.

XS
SM
MD
LG