Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Of wareegaa Maalii Keessaa Lubbuu galaafate


Loltoota biyyatti reeffa namoota du'anii kaasuu fi warra madaahe qarqaaruudhaa birmate, Gayoo, Maalii, Amajjii 18, 2017
Loltoota biyyatti reeffa namoota du'anii kaasuu fi warra madaahe qarqaaruudhaa birmate, Gayoo, Maalii, Amajjii 18, 2017

Mali gama kaabaa keessatti haleellaa of wareegaa konkolaataa irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 50 ta’an ennaa du’an 100 kan ta’an madaa’aniiru. Halellaan boombii sun kan raawwatame mooraa ripxe loltoota duraanii fi loltoota mootummaa cinatti ta’uu angawoonni beeksisaniiru.

Kanneen du’an keessaa shan of wareegdota ta’uu gabaasaaleen beksisaniiru.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti dho’iinsi sun maadhee waraana walii galaa kan magaalaa Gaotti yoo ta’u ganama sa’a 9 irratti ture. Ennaa sanatti loltooni dhibbaan lak’aman mariif wal ga’aa turan.

Mooraan sun walii galtee mootummaa fi milishoota ripxe loltootaa gidduutti uumameen bara 2015 erga waraanni Ferensaay leellistoota Islaamummaa naannoo sana keessaa ari’anii booda.

XS
SM
MD
LG