Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Hidha Laga Abbayyaa Dhimma Biyyoota Sadeen Giddutti Xumuramuu Qabu Dha.Angawaa Itiyoophiyaa


Dr. Sileshi Bekele. Minister, Ethiopia
Dr. Sileshi Bekele. Minister, Ethiopia

Itiyoophiyaan walii galtee irra ituu hin ga’iin dura hidha laga Abbayyaa bishaan guutuu akka hin jalqabnee ibsii Yunaaytid Isteetes baste ta’u kan hin mallee fi qajeelafama waggaa sadii dura mallatteessite waliin kan wal faalleessu ta’u ministeerri Bishaan, jallisii fi Albudaa kan Itiyoophiyaa Dr. Silashii Baqqalee beeksiisanii jiru.

Dr. Silashiin Raadiyoo Sagalee Amerikaa waliin gaaffii fi deebii gaggeesaniin dhimmi kun kan Itiyoophiyaa Sudaanii fi Masrii ta’u ibsanii dhimma kana gad fageenyaan ituu hin hubatiin mirga Itiyoophiyaa harkaa butuun sirrii miti jedhan.

walii galteen mallatteefamees mallatteeffamuu baatuus Itiyoophiyaan Hagayya dhufuu kaastee bishaan guutuu akka jalqabdu, maddisiistonni humnaa isaan jalqabaa lamaan waggaa har’a baatii Bitooteessa keessaa hojii kan jalqaban ta’u ibsan.

Yunaaytid Istees haallii itti isaan dubbisaa jirtu akka dhiibbaa gochuun akka ta’e abbaa biyyummaa cabsuu haala dandeesisuun ta’u kan ibsan Dr. Silashiin mootummaan isaanii haala kana hawaas addunyaa beeksisuuf karaa adda addaan yaalii gochaa akka jirtu ibsan.

Biyyi tokko sadarkaa Ministeerootaattis ta’e seekreteriyaatitti ennaa wal ga’an sadarkaa wal qixxee ta’een mari’achuu malee dhiibbaa gochuun hin da’amu.

Bishaan laga Abbayyaa 100 keessaa harka 86 kan qabduu Itiyoophiyaan mirga uumamnii kenneefiin akka hin gargaaramne gochuu kan danda’uu tokko iyyu hin jiru kan jedhan Dr Silashii Baqqalee.

Bu’aa hundumaa eegsisuun lagii Abayyaa attamiin akka guutamuu qabu fi hoggantummaa hojii irratti mariin kan itti fuufuu abdii qabna jedhan.

Waa’een Hidha Laga Abbayyaa Dhimma Biyyoota Sadeen Giddutti Xumuramuu Qabu Dha.Angawaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:13 0:00


XS
SM
MD
LG