Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lola Jubalaandi fi Raayyan Somaaliyaa Naannoo Mandeeraatti Taasisasan Mootummaan Hordofuu qaba’ Alii Roobaa; Bulchaa Mandeeraa


Mootummaan giddu – galeessaa Keeniyaa dhiyeenyaa as lola hidhattoonni Jubalaandi fi Raayyan Somaaliyaa naannoo Mandeeraatto taasisaa jiran hordofuu qaba jedhan.

Alii Roobaa Bulchaan Keeniyaa kutaa bulchiinsa Mandeeraa mootummaan Keeniyaattaa lola humnootni Jubalaandi fi Raayyan Ittisa Somaaliyaa naannoo daangaa Madeeraarratti taasisaa jiran xiyyeeffannoon akka hordofu gaafatan.

‘Lola Jubalaandi fi Raayyan Somaaliyaa Naannoo Mandeeraatti Taasisasan Mootummaan Hordofuu qaba’ Alii Roobaa; Bulchaa Mandeeraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00

Bulchaan kun harra haala nageenya naannoo Mandeeraa jiru yoo dubbatan, erga lolli qaamota lameen jidduutti dafinoo darbe kana ta’ee haalli jiru ammaa sodaachisaadha jedhan.

Mr. Roobaan waan wixata darbe humnoota lameen jiddutti ta’e yoo ibsan; mootummaa jiddu galeessaa Somaaliyaan ka barbaadamaa turan ministirri biyyattii duraanii Abdirrashiid Janaan naannoo Mandeeraa turan sanatu lola kana fidee jedhan. Lola sanaanis gama Keeniyaarraa namni tokko du’uu, 12 madaawuu, dhibba ka ta’an ammoo manaa baqachuusaanii dubbatan.

Roobaan dabalanii; amma lolli dhaabatus naannoon Mandeeraa nageenyi jiru sodaachisaadha jedhan. Walitti bu’iinsa Wixataa booda Waajjirri haaja alaa Keeniyaa Soomaaliyaan naannoo daangaatti tuttuqa kana dhiisi jechaan akeekkachiisa baasee ture. Mootummaan keeniyattaas waan kana furuuf hojiirra jiraachuu himee, kanaafis koreen biyyoota lamaanirraa hundaaye furmaata barbaadaa jira jedhe.

Ka’umsa rakkoo kanaa ka ta’an Abdirrashiid Janaan, Ministirri Somaaliyaa duraanii mana hidhaa Mooqadishoo badanii jiran amma eessa buuteensaanii hin beekamu.

XS
SM
MD
LG