Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattonni ABUT Humnaan Gudeeddii Raawwatan Jedhu Jiraattonni 


Hidhattonni ABUT Humnaan Gudeeddii Raawwatan Jedhu Jiraattonni 
Hidhattonni ABUT Humnaan Gudeeddii Raawwatan Jedhu Jiraattonni 

Hidhattonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) magaalaa Nifaas Mawcaa keessa guyyaa 11 yeroo turan keessatti shamarran ol adeemtootaa fi dubartoota maanguddoo ta’an irratti humnaan gudeeddii gaggeessuu isaanii kanneen nu irra ga’eera jedhanii fi jiraattoota magaalatti ta’an RSA ibsanii jiru.

Umriin isaanii shantamoota keessa ta’u kan dubbatanii fi mucaa tokko akka qaban akkasumas, yeelloof jecha maqaan isaanii ifatti akka hin ibsamneef dubartiin gaafatan hidhattonni ABUT magaala Nifaas Mawucaa yeroo to’atan guyyaa jalqabaa mana koo dhufanii na guudeedan jedhu.

Bombii, Albee FI Qawwee kilaashii qabateera. Waan hin qabne tokko hin qabu. Sochoonaan milla keen kutee gataa naan jedhee , achii na guudeedee. Namnii naa dhaqqabee hin turre. Inni tokko isa kaaniif hin dirmatuu. Calluuma jedhu jedhan.Sana boodas qarshii silaa liqaa irra jiru baasuuf ka’atan 1020 jalaa fudhachuu ibsa.

Dubartiin kan biraa umriin 30ta keessa ta’u dubbattuu fi haadha ijoollee sadii maqaan ishee akka hin ibsamne gaafachuun, ijoollee ishee duratti gudeedamuu fi ollaan iyya dhageessee dhuftees carraan wal fakkaataan ishee mudachuu ibsitee jirti.

Magaala Nefaas Mawucaa ganda o4 keessatti qofa dubartoota 50 caalan gudeedamuu waltaasiiftuun dubartootaa fi daa’immanii kan gandichaa aaddee Habtaam Mangistee ibsanii jiru.

Gama kaaniin dubbii himaan ABUT Obbo Geetaachoo Raddaa fi mootummaan yeroo ammaa naannoo sana bulchaa jiru yeroo adda addaa ibsa baasaniin,hidhattonni humnoota ittisaa Tigraay jechuun waaman , namoota nagaa akka hin xuqnee ibsanii,gocha gaarii hin taanee rawwatan jechuun dhimmi ka’u qaama waalabaan akka qulqullaa’uuf haala mijeessina jechuu isaanii Asteer Misgaanaaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG