Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Mana Maree Naga Eegumsa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa


Manni maree naga eegumsa biyyoolessaa Itiyoophiyaa Fulbaana 8 bara 2011 wal ga’ii geggeesseen biyya keenya keessatti sochii seera dhablummaa mul’ataa jiran gamaaggamee ibsa baasee jira.

Baatilee shaman darban waltajji dimokraasii bal’isuuf hojiin hedduun hojjetamanii ba’iin abdachiisaan argamaniiru jedha ibsi sun. kananis uummati biyya keenyaa isa yeroo kamiinuu caalaa abdii horatee hegeree biyyattii keessatti qooda ofii gumaachuuf akka kaka’u taasiseera.

Haa ta’u malee jedha ibsi kun ijaarsi sirna dimokraasii ol aantummaa seeraan ala waan yaadamu akka hin ta’in hubatamuu qaba. Jijjiirama keessa waan jirruuf mootummaan rakkoolee jiran humnaan hiikuu manna garaa bal’achuun isaa akka waan human hin qabaanneetti kan ilaalanhumnoonni badiisaa miirri dargaggoo kakaasuu dhaan yakkaawwan hojjetan yeroo dhaa yerootti dabalaa adeeme.

Finfinnii fi naannoo isheetti gidduu kana walitti bu’iinsa uumameen lubbuun lammiiwwanii qaalii ta’e darbeera. Jeeqama kana naannolee hedduu keessatti itti fufuuf, naannoo Somaaleef kanneen biro keessatti kan duraa fashale karoora badiisaa, yaalii adda biraan itti fufuuf akkasumas xumura baatii Fulbaaa geggeessamuuf kan jiru gumii ADAWAWI gufachiisuuf yaalii hedduun taasisamaa jiru.

Jeequmsi kun rakkoolee fi adda addummaa xixiqqoon kan ka’u utuu hin taane bifa qindaa’een kan raawwatamu, kaayyoo siyaasaa dhokataa kan qabu, uummataa fi uummata walitti buusuu dhaan ennaa walitti bu’iinsi uumamu carraa sanatti fayyadamuun itti hammeessuu fi biyya keenya walitti buiinsa hin dhaamneef xaaxiluuf akkasumas jijjiirama jiru laaffisanii karaatti hambisuuf shira hojjetamu.

Kanaaf mootummaan itti gaafatama ol aantummaa seeraa fi nageenya lammiiwwanii qabu ba’uu fi tarkaanfii seeraa fudhachuu fi qophee guutuu gochuun beekamuu qaba. Sirna dhablummaaf kanaan booda obsa hin qabnu, gatiittii ittiin baannus hin qabnu. Kanaaf jireenya lammiiwwanii fi wabii kennuuf mootummaan tarkaanfii seeraa cimaa fudhachuu kan jalqabe yoo ta’u kunis cimee itti fufa jedha ibsi kun.

Dargaggoonis miiraan oofamee, daldaltoota siyaasaa fi saamtotaf meeshaa ta’uun gocha diigumsaa hojjechaa jiraachuu hubachuu qaba. Kanaaf beekees haa ta’u utuu hin beekin hojii seeraan alaa irratti kan bobba’u dargaggoo fi qaamni hawaasaa kam irratti iyyuu tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu beekee gocha kana irraa akka of qusatu mootummaan ni yaadachiisaa jedha ibsichi.

Humnoonni badiisaa kan godhan tattaaffii isa dhumaan kan jeeqame nageenyi uummataa bakkatti akka deebi’u, mootummaan mirkaneessuu dhaan lammiin Itiyoophiyaa bakka mara jiru miirri nagummaa itti dhaga’amee hanga sosso’uu fi jiraatutti mootummaan nagaa fi tasgabbii eegsisuuf hojii isaa cimsee itti fufa.

Hojii yakkaa kana qindeessuus ta’e kanneen qindeessaniif namni meeshaa ta’ee argame seera jalaa miliquu in danda’u, haal duree tokko malee seeraan gaafatama. Beekaas utuu hin beekinis kanneen adda addummaa bal’isanii fi jeeqama uuman aktivistoonni fi paartileen siyaasaa harka isaanii sassaabbachuu qabu, xumura irrattis daandii nagaa fi dimokraasii amma jalqabnee jirru humni kam iyyuu gufachiisuu akka hin dandeenye isinii mirkaneessuu feena jedha ibsi mana maree naga eegumsa biyyoolessaa Itiyoophiyaa biraa har’a ba’e.

XS
SM
MD
LG