Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Daandiiwwan Gara Nageenyaatti Geessan   


Itiyoophiyaa Daandiiwwan Gara Nageenyaatti Geessan 
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:22 0:00

Walwaraansi kaaba Ityoophiyaa keessatti waggoottan lamman darbaniif humnoottan mootummaa feederaalaa fi humnoottan mootummaa naannoo Tigraay gidduutti taasifamaa ture kan lubbuu namoottan kuma dhibbatti lakkaawamuu galaafatee qabeeyaa miiliyoonaatti tilmaamamu mancaasee, lammiilee biyyaatti miiliyoonatti lakkaawaman jireenyaa isaanii irraa buqqise waligaltee nageenyaa dhiheenya taasifameen tasgabbii argatee jira.

Waligalteen Afrikaa kibbaa fi Keniyaa keessatti mallateffame Tigraayi fi naannoolee kaaba Ityoophiyaatti argaman keessatti haala mijeeseen gargaarsi namoomaa akka namoottan miidhamaniif qaqqabu taasisuuf, namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an debisanii dhaabuuf sochiin taasifamaa jiraa.

Haa ta’u malee ammas taanaan gaaffiwwan deebii argachuu qaban ni jiru. Waligaltee nageenyaa mallateessuun mataan isaa nageenyaa fiduu danda’aa? Waliigalteen mallateeffame akka fiixaan bahuu fi nageenyi waara-qabeessa ta’e akka biyya sana keessatti mirkanaa’u maaltu barbaachisa? Maaltu ta’uu qaba? gaaffiwwan jedhan ammas deebii barbaadu.

Afrikaadhaaf Gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa duraanii ka turan Ambaasaddar Tiboor Nagiyii fuula twiteerii isaanii irratti Sagaleen Ameerikaa Itoophiyaanota saba adda addaa irraa walitti fidee mari'achuun isaa faarsanii, "waltajjii namoonni cimsaanii yaadaan walii hin galle walitti dhufanii fuul duraaf waan ta'a jedhan irratti dubbatan ture ," jedhaniiru.

Karaa biraatin, hawaasni dhalatootaa Ityoophiyaa warren biyya alaa keessa jiraatan Itiyoophiyaa keessatti nagaa buusuudhaa fi guddina biyyatti mirkaneessuu irratti gahee bu’a-qabeessa ta’e gumaachuu danda’uu laata? gaaffiin jedhu ka’aa jira.

Sagaleen Amerikaa kutaan gaanfa Afrikaa dhima nageenya Ityoophiyaa ilaalchisee sagantaa addaa tokko qopheessee jira.

Waltajjii kutaan Afaan Amaaraa qopheesse kana irratti keessumoonni addda addaa kallatiidhaan istuudiyootti argamuudhaan, akkasumas tooraa marsariitin hirmaatanii, waligaltee nageenyaa mallatteefamee fi itti fufiinsaa isaa irratti yaada qaban ibsanii jiru.

Keessumoota sagaantaa kanaan istuudiyoo VOAtti argamuudhaan yaada isaanii kennan keessaa tokko aadde Ma’aazaa Giday dhimma hariiroo addunyaatti ogeettii fi dhaabbata sadarkaa adduunyaatti mirga lammiilee Tigraayif falmu keessatti roogeettidha.

Addee Ma’aazaan dhimma waliigaltee nageenyaa sana irratti yaada kennaniin, walwaaraansi hammam hamaa akka ta’e waggootan lamman darbaniif isaanii fi maatiin isaanii oduudhaan ittu hin ta’iin keessa jiraatanii waan argan akka tahe dubbatan.

Walwaraansa sanaan namoonii kuma dhibbaan lakkaawaman du’anii, qabeenyi ummanii Tigraay waggoottan soddoman darbaniif dafqa isaatiin horatee akka jirutti akka mancaa’e, dubartonni hookkara saalaatiin akka miidhaman ibsaanii akka kun hin uumamneef dursee yaaliin godhamaa akka godhamaa ture dubbatan. Waligalteen amma mallateeffame kunis wanneen walwaraansichaaf sababaa ta’aniif sirriitti waan deebiin hin argamiiniif akka deebi’amee gara walwaraansaatti hin galamne sodaa akka qaban ibsan.

Keessummaan ka biraan istuudiyoo VOAtti argamuun yaadaa isaanii kennan ogeessaa seeraa fi qorataa kan ta’an obbo Heenook Abbebee ddeemsi waligaltichaa hamma ammaati akka gaariiti akka fuul-duratti tarkaanfataa jiru, qaamota deemsichaa keessaa tokko gargaarsi namoomaa naannoo wal-waraansichi itti geggeessamee ture akka qaqqabaa jiru fi bu’uraaleen misoomaa gar gar citanii turan akka bakka isaaniitti deebi’aa jiran himan.

Gama biraatiin ammoo, waligaltee mallatteessuun nageenyaa buusuudhaaf wabii akka hin taane ibsanii, nageenyaa waara-qabeessa ta’e mirkaneessuudhaaf gareewwan hunduu garaa ququlluudhanan fedii siyaasaa (Political will) qabaachuun akka isaan irra jiru dubbatan.

Yuunversitii Jems Maadisen keessatti barsiisaa fi qorataa seenaa kan ta’an doktoor Ittaanaa Habtee marii Istuudiyoo Sagalee Ameerikaatti geggeesame kana irratti keessumaa kallattiidhaan hirmaatan ka biraa dha. Isaanis waligaltee mallateesuun qofti gatii akka hinqabne, nageenyaa egeeree dheeraa qabaatu uumuudhaaf, sababaaleen wal-dhibdee biyyattii keessaa hundee irraa ilaalamee, akka waliigalaatti rakkinaawan jiranuuf falli karaa nagaa barbaadamuu akka qabu ibsanii, waliigalteen dhimma Kaaba Itiyoophiyaa irratti mallatteessame qofti Itiyoophiyaa keessatti nagaa fiduu akka hin dandeenye, naannoo Oromiyaa bakkaawan adda addaa keessatti wal waraansi taasifamaa jiruu fi balleessaan raaw’atamaa jirutti xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu hubachiisan.

Sagantaa kana irratti keessumootaa kallatidhaan hirmaatanii alatti, tooraa “Skype”n beektonni dhihaatani yaada isaanii ibsanii fi gaaffiwaniif deebii kennan ni jiran

Isaanis Dr. Derresee Taaddesee magaala Niwuyoork irraa, Obbo Alamaayyoo Fentaawu ogeessaa seeraa fi qorataa waa’ee walti bu’iinsaa fi Dr. Alamaayyoo Birruu, kan duraan Yunivarsitii Finfinnee fi as Yunaayitid Isteetis keessatti barsiisaa turan hayyuu falaasama siyaasaa ti.

Hirmaattonni Istuudiyootti argaman gaaffiilee fi yaadawwan qaban keessumootaa haasaa taasisaniif dhiheessanii jiru. Namoonii kallatiidhaan hirmaachuu hin dandeenyes karaa tooraa marsaaritin gaaffiwwanif yaada isaanii dhiheessanii jiru.

Gabaastonni VOA biyyaa keessaa fi biyya alaatii namoonni dubbisanis waligalticha nageenyaa ilaalchisee abdii fi sodaa qaban dubbataniiru.

Akka walii galaatti Ityoophiyaa keessatti nageenyaa waara-qabeessa mirkaneessuuf sirni bulchiinsa bittaa hafee, mootummaan fedhii uumataatiin taayitaa qabatuu fi taayitaa gad-dhiisu hundeeffamuu akka qabu, sirni heera irratti hundaa’e biyyatti keessatti keessa jiraachuu akka qabu hirmaattonni sagantichaa yaada kennaniin ibsanii jiru.

Sagantaan televiiziyoonaa kun Wixata Mudde 19 bara 2022 VOA Afaan Amaaraa irrati dhihaate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG