Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessa Haallii Jiru Akkaan Yaaddeessaa Ta'u Angawaan Gamtaa Awuroopaa  Ibsanii Jiru


Itti aanaa prezidaantii Gamtaa Awuroopaa, Joosep Borrell
Itti aanaa prezidaantii Gamtaa Awuroopaa, Joosep Borrell

Itti aanaa prezidaantii Gamtaa Awuroopaa kan ta'an Joosep Borrell akka jedhanti paartileen siyaasaa Itiyoophiyaa keessaa martii fi biyyonni ollaa muddamiinsa xiqqeessuu fi jechoota hamoo dubbachuu fi qubsiisuu looltootaa kan gocha tuttuqqaa ta'e irraa akka of qusatan gaafatan.

Kana gochuu hanqachuun Itiyoophiyaa fi kutaa sana keessatti tasgabii dhabiinsa kaasisuu mala jedhan.Sadarkaa biyyaatti marii qaamoota mara hirmaachisee gaggeessuun walii galtee irra ga'uun yeroo kamiin iyyu caalaa amma barbaachisaa ta'u hubachiisan.

Kun uummata Itiyoophiyaaf Demookraasii fi badhaadhiina argamsisuuf dhimma ijoo ta'u isaa fi humna waraanaan sodaachisuun furmaata ta'u akka hin dandeenye ibsanii jiru.

Gamtaan Awuroopaa jijjiirama Itiyoophiyaa keessaa deggeruuf cicha akka qabu seeraaf buluu fi kabajaan mirga dhala namaa jiraannaan dhumaan akka nama ga'u kana malees filannoo walaba madaalawaa fi qabatamaa ta'e gaggeessufis kan gargaaru ta'u Joosep Borrell hubachisanii jiru.

XS
SM
MD
LG