Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Namoonni Lama Vaayrasii Koronaan Haaraa Qabamuun Ibsamee Jira


Faayilii - Bakka harka itti dhiqatan, Amboo

Ministriin eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa fi Instituutiin fayyaa hawaasaa kan Itiyoophiyaa walii wajjiin ibsa baasaniin waliigalaan lakkoofsi namoota Koronaan qabamanii Itiyoophiyaa keessatti 11 ga'e jira.

Warri haaraa qabaman lamaan keessaa inni tokko umriin 28 kan gara biyya Beeljiyamii fi Neeseelandti imalee turee fi inni kaan immoo umriin isaa 34 kan ta'e fi Dubaay irraa kan deebi'ee ta'uun ibsamee jira.

Kanneen duraan vaayrasii koronaan qabamuun isaanii ibsamee 9 keessaa 8 haala gaariin dandamachaa akka jiran ibsamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG