Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Namoota Daangaa Cehan Qorannaa Kooronaa Irratti Gaggeessuutti Jirra’ Hospitaala Mooyyalee


Hospitaala Mooyyalee
Hospitaala Mooyyalee

Kara deemtonni Keniyaa gara Itiyoophiyaa karaa seensa Mooyyalee seenan Kooronaa yaa qabaataniif hinqabnee adda baasuuf bakka qorannoo afur Godina Booranaa Aanaa Mooyyalee keessatti hundeessee nama daangaa ol qaxxaamuru mara hospitaalli mooyyalee qorataa jira. Dookter Alii Galgaloo Diirekterri hospitaalichaa VOA’f lammilee Keeniyaa fi Itiyoophiyaa akkasumas ka biyya kaanii karaa kana darban maraaf qoraannoo malu gaggeessaa jirraa jedhu.

‘Namoota Daangaa Cehan Qorannaa Kooronaa Irratti Gaggeessuutti Jirra’ Hospitaala Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00

Akka Dookter Aliitti, Mooyyalee bakka afuritti giddu galli qorannoo kun dhaabbatee namoota kanaaf qorannoon gaggeeffamaa jiraa.Karaa daangaa Mooyyaleen meeshaaleen shaqaxaa, midhaan nyaataa fi zayitnis hedduun waan seenuuf sun hagam qorannoon irratti gaggeeffamaa gaaffii jedhuufis, naannoo sanatti daddabarsi meeshaalee ammamurtaa’aa dhufuu dubbatanii, kanaafis humni nageenyaa fi gumruuka eegu ga’aan ni jiraa jechuun deebii kennani.

Dookter Aliin buufataaleen qorannoo kooronaa afran meeshaa ho’ina qaamaa safaruuf gargaaran, akkasumas humna namaa ga’aas qabaachuu dabalanii himanii jiru. Erga qorannoon kun jalqabee namootni mallatoonis tahe vaayresichi irratti argame akka hin jirre irra deebiin himanii, yoo sichi mudateef garuu Mooyale ganda booleetti bakki namootni kun adda baafamanii kaa’aman qophaawuu dubbatan.

Jiraattonni magaalaa Mooyyalees hojjettoonni fayyaa, akkasumas ka fannoo diimaa waa’ee Vaayresii Kooronaa jiraattotaaf barumsa keennaa akka jiran, daangaa irrattis nama daddarbuuf qorannoon taasifamaafii akka jiru raga bahanii jiran. Daldalaan magaalattii tokko garuu, dhibeen kun dhufuun sochii daldalaa jiraattonni biyyoottan lameenii ittiin jiraatan hedduu danqee jedhu.

Dookter Alin, Diirekterri Hospitaala Mooyyalee, hojiin qorannaa fayyaa namoota daangaa qaxxaamuranii sirriitti deemaa jiraatus darbee darbee rakkoon nageenyaa magaalattii keessatti mullatu garuu dhiibbaa fidaa jira jedhan. Kanaaf mootummaan kana yoo fure gaariidha jechuunis gaafataniiru. Gaaffii kana bulchiinsa Aanaa Mooyyalee gaaffeen ture. Bakka bu’aan waajjira Koomunikeeshinii Aanaa Mooyyalee Obbo Berhaanuu Gonoo, ka rakkoo fidu alii al warra biyya ollaa keeniyaa keessaa as darbanii dhufanii dhukaasa bananiidha jedhan.

Dookter Aliin akka jedhanitti, lammilee Itiyoophiyaa fi Keeniyaa akkasumas lammileen biyya kaaniis dabalatee guyyaatti buufataalee qorannoo afran naannoo Mooyyalee jiranitti namoota dhibba jahaa haga kuma tokkootu qoratama.

XS
SM
MD
LG