Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Vaayiresii Koronaan Du’an Kan Addunyaa Kuma Kudhan Caale


Naannoo addunyaa irraa lakkoobsi namoota weerara koronaan du’anii ennaa faca’inni isaa heddummaataa adeeme kanatti kuma 10 darbbuun beekamee jira. Vaayiresiin koronoo uummaata kuma 244,500 ol qabee jira.

US keessaa bulchaan kutaa Kaalifoorniyaa Gavin Niwsom kaleessa uummati kutaa sanaa kanneen miliyoona 40 ta’an dhibee kana ittisuuf manaa akka hin baane ajjaniiru. Niwsom, biyya isaanii dhibee kana wal’aanuuf kan oolu deggersa federaalaa doolaara biliyoon tokko akka ramaduuf kongresii gaafataniiru. Roobii darbe bulchaan Kaalifoorniyaa prezidaant Doonaald Traampiif xalayaa barreessaniin dooniin hodpitaala human galaanaa andaara glaana Los Angelesitti bobba’uun tarii dhukkubsattoota vaayresii kanaan qabaman akka deddeebisan gaafatan.

Xaaliyaaniin sababaa vaayiresii kanaan lakkoobsi namoota ishee du’anii kan Chaayinaa darbuu dhaan hanga kaleessaatti namoonni 3450 du’uu angawoonni biyyattii beeksisaniiru. Chaayinaa keessaa hanga ammaatti lakkoobsi namoota du’anii 3248 ga'ee jira.

XS
SM
MD
LG