Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Hawaasa Koronaaf Akkaan Saaxilamu Waan Ta’eef Qiyyaafata Barbaachisa: Hayyoota Eegumsa Fayyaa


Faayilii - Buufata baqattootaa yeroof qophaahe, Mooyaalee, Keeniyaa
Faayilii - Buufata baqattootaa yeroof qophaahe, Mooyaalee, Keeniyaa

Gareeleen gargaarsaa dhiibbaa weerarri hawaasaalee baqataa irraan ga’u ilaalchisuun akeekkachiisa kennanii jiru. Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti addunyaa irra baqattoonni miliyoonni 30 ka jiran yoo ta’u hedduun isaanii haala daddaruu vaayresii koronaaf saaxilaman deessa jiraatu. Biyyoonni dureeyyii ta’an iyyuu weerara kana ittisuuf rakkataa ennaa jiran kanatti hayyoonni eegumsa fayyaa gareelee weerara kanaaf akkaan saaxilaman deggeruuf hawaasi addunyaa qophaa’uun akkaan barbaachisaa dha.

Naannoo addunyaa irraa angawoonni eegumsa fayyaa namoonni akka manaa hin bane, namoonni walitti tuucha’anii akka hin teeny fi qulqullina eeguun dursi kennamuufii qaba. Baqattoonni immoo waliitti tuucha’anii waan jiraataniif sun immoo daddarbuu vaayiresii kanaaf haala mijeessa. Nyaata madaalawaa dhabuu fi dhiphina keessa jiraachuun dandeettii dhibee ofii irraa ittisuu isaanii kan buusa jechuun hayyoonni beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG